Faayiliin kun odeeffannoo barbaachisaa waa'ee sagantaa kanaa ofkeessaa qaba. Hojii jalqabuun dura odeeffannoo kana sirriitti dubbisi.
Akkasumas kutaalee armaan gadii waa'ee piroojektii OpenOffice.org irratti hirmaachuu dubbisi.
OpenOffice.org fayyadamaa kamiifiyyuu bilisa. Garagalcha OpenOffice.org kana fudhattee kompiyuutara hamma barbaaddeerratti ijaaruu, fi faayidaa barbaadde kamiifuu (kunis fayyadama Mootummaa, daldala, barumsaa fi dhuunfaa dabalata) fayyadamuu ni dandeessa. Odeeffannoo dabalataaf barruu hayyamtaa OpenOffice.org waliin laatame ykn saphaphuu itti aanu ilaali.
Garagalcha OpenOffice.org kana har'a gatii malee kan fayyadamuu dandeesse gumaattoonni dhuunfaa fi ispoonsaroonni xindoo OpenOffice.org waan amma tahe kana - mosajjii ofiisii madda-banaa addunyaa irratti dursaa jiru akka tahu waan saxaxani, dagaagsani, yaalani, hiikani, galmeessani, deeggarani, gabaarra oolchanii fi karaa hedduudhaan gargaaraniifi.
Fooyya'aa Karnalii Linuuksii 2.4 ykn isaa ol
Fooyya'aa glibc2 2.3.2 ykn isaa ol
Fooyya'aa gtk 2.2.0 ykn isaa ol
Kompiyuutara walta'oo Peentiyamii (Peentiyamii III or Atloonii gorama)
RAMii 256 MB (kan gorfamu RAMii 256 MB)
Kaadimaa X rukkina 1024x768 (rukkinni olaanaan gorfamaadha), yoo xinnaate halluuwwan 256
Taliigaa Foddaa
Deeggarsa meeshaalee teeknooloojii gargaaraatiif(meeshaalee AT) Gnome 2.6 ykn isaa ol, qarqaboota gail 1.8.6 fi at-spi 1.7 waliin barbaachisa.
Raabsoota Linux hedduutu jira, keessa darbee raabsa tokko keessatti dirqalaaleen ijaarsaa addaa addaa ((KDE vs Gnome, kkf.)) jiraachuu danda'u. Raabsoonni tokko tokko fooyya'aa OpenOffice.org biyya isaanii waliin dhufu. Yeroo tokko tokko Hawaasa OpenOffice.org fooyya'aa biyyaa walcina ijaaruu dandeessa. Haa ta'u malee, yeroo hedduu fooyya'aa Hawaasaa ijaaruun dura fooyya'aa biyyaa balleessuun gaariidha. Baldhintaa waa'ee kana hojjachuutiif galmeessa raabsa kee mari'achiisi
Mosajjii ijaaruun ykn balleessuun dura dilbii sirna keetii yeroo baay'ee akka fudhattu gorfamta
Sirna keerratti galeeloo ammaafii keessaa kuufannoo duwwaa gahaa akka qabduu fi mirgoonni gahiinsaa dubbisuu, barreessuu fi kaasuu akka siif laataman mirkaneeffadhu. Ijaarsa kaasuun dura sagantaalee biroo mara cufi.
Barbarri kuusdeetaa Berkeley fooyya'aa OpenOffice.org kana keessatti haaromsameera. Haaromsi barbara kuusdeetaa \t\twalsimadhaba deetaa fayyadamaa dheertoowwan ijaaraman kan fooyya'oota OpenOffice.org 3.2 duraa \t\tyoo ati fooyya'aa OpenOffice.org kee gadbuuste gocha kee gaafattan fida.
Fooyya'aan OpenOffice.org kun yammuu dheertoowwan ijaaraman ykn haqaman kuusdeetaa dheertoo kee dhangii kuusdeetaa Berkeley \t\thaaraatti geeddara. Geeddariinsa kana booda, kuusdeetaan kun \t\tfooyya'oota OpenOffice.org darbaniin hin dubbifamu. Fooyya'aa duraaniitti gaddeebisuun ijaarsa faayidaadhabeessa fiduu danda'a.
Fooyya'aa OpenOffice.org duraaniitti kan gaddeebiftu yoo tahe, galeeloo deetaa \t\tfayyadamaa {user data}/uno_packages, fakkeenyaaf, ~/.openoffice.org/3/user/uno_packages, haqxee dheertoowwan mara lamijaaruu qabda.
Rakkooleen eegalii OpenOffice.org (yeroo hedduu yammuu Gnome fayyadamtu) kan si muudatu taanaan, qola OpenOffice.org kaasuuf itti fayyadamtu keessatti jijjiiramaa qeeyyaa SESSION_MANAGER 'qindeessaleessi'. Kun kan godhamu jalqaba barreeffama qola sofiisii galeeloo "[office folder]/program" kessatti argamuu keessatti sarara "unset SESSION_MANAGER" dabaluudhaani.
Ulfeenyi OpenOffice.org kaasuu (fkn. fayyadamoonni rarra'uu) fi rakkooleen agarsiisaa ooftuu kaardii saxaatootiin dhufu. Rakkooleen kun kan mudatan taanaan, ooftuu kaardii saxaatoo kee haaromsi ykn ooftuu saxaatoo sirna dalagaa kee waliin laatame fayyadamuu yaali. Rakkooleen wantoota G3 agarsiisuu kan hiikamu 'Meeshaalee - Dirqalaalee - OpenOffice.org - Mul'isi - Mul'annoo G3' jalatti dirqala "Use OpenGL" kaka'umsaleessuudhaani.
OpenOffice.org keessatti furtuuleen fayyaduumuu danda'aman furtuulee qaxxaamuraa (idaatiiwwan furtuu) sirna dalagaatiin hin fayydamne qofaadha. Idaatiin furtuu OpenOffice.org keessaa akka Gargaarsa OpenOffice.org keessatti ibsameetti kan hin hojjanne yoo tahe, qaxxaamurri sun sirna dalagaatiin akka fayyadamaa jiru mirkaneeffadhu. Walitti bu'iinsa akkanaa balleessuuf, furtuulee sirna dalagaa keetiin ramadaman jijjiiruu ni dandeessa. Yookiin ammoo, ramaddii furtuu OpenOffice.org keessaa kamiyyuu jijjiiruu ni dandeessa. Odeeffannoo dabalataa dhimma kanaafiif, Gargaarsa OpenOffice.org ykn galmee Gargaarsaa sirna dalagaa keetii ilaali.
Ofeeggannoo: Amalli faayilii iggiteessuu kakaafame Solaris 2.5.1 fi 2.7 Linux NFS 2.0 waliin fayyadamu irratti rakkoo uumuu danda'a. Yoo qeeyyaan sirna kee ulaagaalee kana qabaate, amala faayilii iggiteessuu fayyadamuu akka dhiistu ciminaan si gorsina. Yoo hin taane, yammuu kompuutara Linux irratti faayilii galeeloo NFS fe'amee irraa banuuf yaaltu OpenOffice.org rarra'ee hafa.
Yammuu mosajjii ijaartu adeemsa Galmeessa Omishaa gadaantoo xumuruuf yeroo xiqqoo fudhu. Odeeffannoon galmeessaa haawaasni mosajjii kanarra fooyya'e akka hojjatee fedhii fayyadamaa akka guutu waan dandeessisuuf galmeessi dirqalee osoo tahee jiruuyyuu, ati akka galmooftu si jajjabeessina. Poolisii Matayyaa isaatiin, hawaasni OpenOffice.org deetaa dhuunfaa kee eeguuf ofeeggannoo barbaachisu kamiyyuu ni fudhata. Yammuu ijaarsaa galmeeffama yoo irra utaalte, yeroo barbaadde deebitee saphaphuu armaan gadii irratti galmaa'uu dandeessa.
Iyyaatiin Fayyadamaa karaarra jirus akka guuttu si jajjabeessina. Bu'aan Iyyaatii Fayyadamaa OpenOffice.org uuminsa guutarta ofiisii dhaloota-borii keessatti waaltinni haaraan innaa uumamu saffisaan akka deemu gargaara. Poolisii Matayyaa kana keessatti, hawaasni OpenOffice.org deetaa matayyaa kee eeguuf ofeeggannoo barbaachisu akamiyyuu ni fudhata.
Za podršku unutar zajednice OpenOffice.org korisnika u Srbiji posetite http://sr.openoffice.org/podrska.html . Dopisna lista na srpskom jeziku je dostupna na e-adresi users@sr.openoffice.org. Posetite prethodnu stranicu da saznate o pretplati na listu i pretražite javno dostupnu arhivu.
За подршку унутар заједнице OpenOffice.org корисника у Србији посетите http://sr.openoffice.org/podrska.html . Дописна листа на српском језику је доступна на е-адреси users@sr.openoffice.org. Посетите претходну страницу да сазнате о претплати на листу и претражите јавно доступну архиву.
Saphaphuun OpenOffice.org IssueZilla, mala keenya kan dogantoota fi dhimmoota ittiin gabaasnu, sakattaanu fi furmaata laannu of keessaa qaba. Fayyadamtoonni marti dhimmoota hujeeffannoo keessanirratti mul'atan akka gabaastan isin jajjabeessina. Gabaasni tattaafinaa gumaachota baay'ee barbaachisaa tahan keessaa isa tokko fi kan hawaasni fayyadamaa dagaagsaa fi fooyyiii guutarta adeemsarra jiruutti godhudha.
Hawaasni OpenOffice.org dagaagsa projektii madda banaa barbaachisaa kanarratti tattaaffiin hirmaachuu keetirraa bu'aa guddaa argata.
Akka fayyadamaa tokkootti, qaama adeemsa dagaagsa guutartichaa gati-qabeessa waan taateef ilaalcha hawaasichaaf gumaataa yeroo dheraa tahuutiin shoora dabalataa akka fudhattu si jajjabeessina. Mee fuula fayyadamaa armaan gadii walqunnamiitii dowwadhu:
Gumachaa jalqabuff karran barredaa ta'ee tarree ergaa-e tokko yokkin issaa oll hangaa dandesuttii yallii akkasummas haddarsaa yerroo dhaa garraa yerrotii mattaduree innii agguggu wajjiin wallibarra dhuftaa kun jachuun OpenOffice.org burqaa lakkaddaa Filbanaa 2000 gadhiffamee.issiin yoo issinittii tollaa tattan erguu wantii hojjachuu barbaddaan hundu off ibssun akkasumaas iddoo sirrittii uttallun ergaa-e ergaa.projakkittii burqaa bannaa wajjiin wallibektuu yoo taattan tarree maall hojjadhuu illallii wanttii attii garrigaruu dandessuu ta'uu issaa assirrattii mirkanessii
Oduu:announce@openoffice.org *recommended to all users* (salphaa)
Fooramii fayyadamaa olaanaa: user@openoffice.org *easy way to lurk on discussions* (ulfaataa)
Piroojektii Gabaa:dev@marketing.openoffice.org *beyond development* (ulfaachaa jira)
Tarree gumaataa lakkaddaa waliigalaa:dev@openoffice.org (jiddugaleessa/ulfaataa)
Muuxannoo saxaxa mosajjii ykn lakkaddeessuu murta'aa qabaattullee proojektii madda banaa barbaachisaa kanaaf gumaacha olaanaa laachuu ni dandeessa. Eeyyee, ati!
projektoota Biyyoomsuu, Poortiingii fi Giruupweerii kaasee hanga projektoota lakkaddeessuu killayyaa dhugee tokko tokkootti si mudatu. Dagaagsaa sagantaa yoo tahuu baatte, galmeessa ykn Projektii Gabaa ilaaluuf yaali. Projektiin Gabaa OpenOffice.org mosajjii madda banaa gabaatti teeknikota seedannoo haaraa fi aadaa lamaanuu fayyadamaa jira, dabalatees isa kana daangessoota afaanii fi adaa qaxxaamurree hojjachaa jirra, kanaaf waa'ee mosajjii kanaa taamsaasuudhaan fi hiriyoota keetti beeksisuun gargaarsa laachuu ni dandeessa.
OpenOffice.org 3.3 isa haaraadhaan fayyadamuudhaan akka itti gammaddee fi karaarra akka nutti makamtu abdii qabna.
Hawaasa OpenOffice.org
Portions Copyright 1998, 1999 James Clark. Portions Copyright 1996, 1998 Netscape Communications Corporation.